Fana: At a Speed of Life!

Manneen Murtii tajaajila idilee kennuu eegalan

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2017 (FBC)- Manneen Murtii Federaalaa tajaajila abbaa murtee idilee bara baajataa 2017 eegalaniiru.

Sirni tajaajila eegalchiisuu Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti gaggeeffameera.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Tewoodiroos Mihiret, Manneen Murtii Federaalaa Hagayya 1, 2016 hanga Fulbaana 30, 2017’tti gartokkeen cufamanii turuu yaadachiisaniiru.

Yeroo kanneen keessatti bara baajataa kanatti manneen murtii federaalaa akkumaa yeroo kamuu haqa qabeessa, walabaa fi bilisa ta’uun hawaasaa akka tajaajilaan qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Bara baajataa haaraattis teeknooloojii deeggaramuun hojiin tajaajila saffisaa fi si’ataa kennuu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Hojiilee jijjiiramaa manneen murtiitti hojiirra oolaa jiran manneen murtii haqa qabeessa, walaba fi bilisaan akka tajaajilaan kan taasisuudha jechuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.