Fana: At a Speed of Life!

Manneen Murtii har’arra eegalee hanga Fulbaana 20 bara 2015tti gariin cufaa ta’uu eerame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Manneen Murtii Oromiyaa har’a Adoolessa 21, 2014 irra eegalee hanga Fulbaana 20, 2015’tti yeroo boqonnaa abbootii seeraa waan ta’eef gariin cufaa ta’uu Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa beeksiseera.

Manneen murtii dhimmoota adda bahaniin alatti tajaajilli kennan gariin abbootii dhimmaaf cufaa ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa’ii gaggeesserratti, dhimmoota yakkaa, dhimmoota maatii, dhimmootaa hariiroon walqabatan akkataa amala isaaniitti akka keessumsiifaman murteessuu ragaan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Abbootiin dhimmaas dhimmoota ariifachiisoo akka keessummaa’an Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatiin murtaa’an irraa kan hafe dhimmoota biroo kan hinkeessummeessine ta’uu hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.