Fana: At a Speed of Life!

Manneen murtii Federaalaa baatii Fulbaana gariin cufamaniit turu

Finfinnee, Fulbaana 3, 2013 (FBC) – Manneen Murtii Federaalaa baatii Fulbaana 2013 gariin cufamaniit akka turan Mannii Murti Waliigalaa Federaalaa beeksise.

Manneen murtii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf baatii Bitootessa 10 hanga Adoolessa 10, 2012 gariin cufamanii waan turaniif tajaajilota adda citanii turan sadarka sadarkaan eegaluuf mannii murtii waliigalaa baatii Adoolessa 10, 2012 qajeelfama baaseen abbootiin murtii baatii Fulbaana boqonnaa akka fudhataniif murteessuni jedhameera.

Abbootiin murtii boqonnaa waggaasaanii baatii Hagayyaa fi Fulbaana kan fudhatan ta’uu ibsameera.

Dhimmonni ariifachiisa ta’aan dhaddacha dabareen ni keessummeffamu.

Manneen murtii gariin cufamaniit wayita turan baatii Fulbaana guyyota hojii 20f dhimmota ariifachisaa, mirga lammiilee akkasumaas nageenya biyyaa waliin hariiroo qaban keessaatti hin hammataman jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.