Fana: At a Speed of Life!

Manneen kuma 17 ol kaafamtoota misoomaa fi kanneen biroof dabarfamaniiru-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti manneen kuma 17 ol kaafamtoota misoomaa fi fayyadamtoota biroof dabarfamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech, gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2016 Mana Maree Bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessaniin, sagantaa misooma manneenii 20/80’n manneen kuma 2 fi 87, sagantaa 40/60’n manneen kuma 2 fi 966, manneen baasii qusatan fi tola ooltummaa kuma 7 fi 582, tajaajila kiraaf manneen kuma 5’n, waliigalaan manneen kuma 17 fi 635 baajataa mootummaan ijaaramuun kaafamtoota misoomaa fi kanneen biroof dabarfamaniiru.

Jiraattota kuma 4 fi 940 waldaalee 60’tti gurmeessuun, kanneen keessaa waldaaleen 54 lafa fudhatanii hojii eegaluu ibsaniiru.

Misoomsitoota Riil Isteetii fi dhuunfaan manneen kuma 71 ol ijaaramuu ibsanii, bara baajataa 2016 walta’iinsa mootummaa fi seektara dhuunfaan manneen kuma 88 fi 633 ijaaramuun tajaajilaaf dhiyaachuu dubbataniiru.

Kana malees tumsaa mootummaa fi damee dhuunfaan ijaarsi manneen kuma 65 fi 817 eegalamuus kaasuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.