Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan jalqabsiisa ijaarsa Manneen jireenyaa ammayyaa Kuma 60 gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sagantaa jalqabsiisa Ijaarsa Manneen jireenyaa ammayyaa Kuma 60 gaggeeffameera.
Ijaarsi manneen kanneenii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Dhaabbata Ooviid Giruuppi jedhamutu waloon raawwata jedhame.
Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Giruuppii Ooviid Yoonaas Taaddasaa fi Hoggantoonni Mootummaa biroon saganticharratti argamuu ibsameera.
Ijaarsi Piroojektii kanaa waggaa 3 keessatti kan xumuramu yoo ta’u, Itiyoophiyaatti Piroojektii guddaa 7ffaa ta’uu eerameera.
Ijaarsi manneen jireenyaa kanneenii lafa 558 irrratti kan raawwatamu ta’uu himameera.
Piroojektichi waayita xumurame Lammiilee kuma 300 ta’aniif rakkoo mana jireenyaa fura jedhameera.
Lammiilee kuma 250 ol ta’aniif kallattii fi al kallattiin carraa hojii kan uumu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Giruuppii Ooviid Yoonaas Taaddasaan himaniiru.
Keessattuu kaafamtoota misoomaa caalmaatti fayyadamoo kan taasiisu ta’uu dubbataniiru.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.