Fana: At a Speed of Life!

Manneen hojii ministeeraa sosochii galii walitti qabuu idil addunyaa eegalchiisan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa fi Ministeerri Maallaqaa, Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa waliin ta’uun, baatii tokkoof kan turu sosochii galii walitti qabu idil addunyaa eegalchiisaniiru.

Ministirri Ministeeraa Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Daayrektara Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa Mahaammad Idiriis akkasumas ambaasaaddarroonni fi dippilomaatonni Ityoophiyaa biyyoota garaagaraatti argaman kaleessa marsariitiin mari’ataniiru.

Sagantaa eegalchiisa sosochichaarratti Obbo Ahimad Shidee fi Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Embaasiiwwan Ityoophiyaa biyyoota hundaatti argaman sosochichaatti akka makaman hubachiisaniiru.

Dabalataan, bara baajataa darbetti sosochii galii walitti qabuu gaggeeffameen milkaa’inaalee fi hanqinaaleen jiran kan gamaaggamaman yoo ta’u, keessumaa dhimmoota biyyaalessaarratti teeknooloojii fayyadamuun akka ciminaatti eerameera.

Embaasiiwwanii fi misiyoononni Ityoophiyaa hundi teeknooloojii gargaaramuun hojii galii walitti qabuu saffisiisuuf gahee isaanii akka bahatan hubachiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.