Fana: At a Speed of Life!

Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa 21 ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf qopha’uun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) -Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa 21 ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf qopha’uun ibsame.

Naannoo Oromiyaa godinaalee 11 keessatti projaktootni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 21 bara bajataa 2007 fi 2008 eegalamanii sababa addaa addaatiin raawwiin isaanii harkifachaa turedha.

Hordoffii fi deggarsa cimaa hoggansi sadarkaadhaan jiru taasiseen yeroo ammaa kana xumuramanii barattoota simachuuf qophii ta’anii jiru.

Projaktootni xumuraman kunneen tokkoon tokkoon isaanii barattoota 750 hanga 1000 simatanii barsiisuu kan danda’anidha.

1. Godina Iluu Abbaa Booraa -Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Sibboo, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Diiduu

2. Godina Gujii Lixaa –Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Biyyoo, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Tooree

3. Godina Harargee Bahaa – Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Daawwee, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Daagoo

4. Godina Shawaa Bahaa – Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Keentarii

5. Godina Arsii – Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Maaccittii

6. Godina Arsii Lixaa –Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Qoree

7. Godina Wallagaa Bahaa – Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Gabaa Kamisaa, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haroo Limmuu

8. Godina Jimmaa – Manaa Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Ilkee, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Sheekii, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Limmuu Saqqaa

9. Godina Baalee – Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Beeltuu, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Calcal(Raayituu), Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Bulkluq, Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Alii Birraa

10. Shawaa Kaabaa –Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Saalayish

11. Godina Buunnoo Bedellee – Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Yembaroo

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.