Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa marsaalee addaddaan Onkololeessa 16,2013 eegalee kan banaman ta’a

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (FBC)- Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa marsaalee addaddaan Onkololeessa 16,2013 eegalee kan banaman ta’a.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastaraa hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan akka beeksisanitti marsaan jalqabaa Onkololeessa 16,2013 barattoota kutaa 8 fi 12 buleeyyii hundaa fi manneen barnootaa magaalota aanaa keessatti argamanii fi maneen barnootaa gandoota baadiyyaa keessatti argaman hunda keessatti barnoonni kan eegalamu ta’a jedhaniiru.

Marsaa 2ffaan Onkololeessa 30 manneen barnoota magaalota giddu galeessa godinaa 13 keessa jiran keessatti kan eegalamu ta’a.

Marsaa 3ffaan Sadaasa 15 manneen barnoota magaalota Finfinnee marsanii jiranii kan akka Bishooftuu, Dukam, Galaan Lagaxaafoo Lagadaadhii, Sabbataa fi Sulultaa… tti kan eegalamu ta’a.

Tatamsa’inni vaayrasii koroonaa akka barattoota hin hubneef akkaa pirootookolii Ministerri Fayyaa baaseen daree tokko keessatti barataa 20 – 25 qofa teessisuun barnootni kan kennamu ta’a jedhan.

Deeskii tokkorra barataa tokko qofatu taa’a.

Mana barnootaa tokko keessatti dareen barumsaa 8 yoo hin caalle dabaree tokkotti barattootni 200 caaluu hin qaban, manni barnootaa tokko dabaree tokkotti barataa 1000 ol barsiisuu hin danda’amu.

Barattootaaf aguuggiin fuulaa fi funyaanii, akkasumas meeshaaleen qulqullinaaf barbaachisan bilisaan mootummaan ni dhiyeessa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.