Fana: At a Speed of Life!

Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa 27 eebbaaf qophaa’uu himame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Aarggaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa 27 eebbaaf qophaa’uu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa uwwisaa fi qulqullina barnootaa mirkaneesuuf jecha proojektii Ifa Boruutiin manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 100, Manneen barnootaa bultii addaa 7 ijaaruuf, akkasumas manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa moodeela 40 gurmeessuuf bajata Birrii biliyoona 5 ol ramadee hojjetaa jiraachuuobbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.
Hojii hanga ammaatti hojjetameen manneen barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa 60’n ijaarsi isaanii guutummaatti xumuramee tajaajilaaf qophaa’uu himaniiru.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa 60 xumuraman keessaa 33 marsaa duraatiin kan eebbifaman yammuu ta’u, 27 ammoo torban kana irraa eegalee ni eebbifamu.
Proojektiin Ifa Boruu 40n ijaarsa irra jiran ammoo sadarkaa xumuraa irra ga’aa kan jiran yoo ta’u, yeroo muraasa keessatti xumumaramanii tajaajilaaf akka qophaa’an deeggersaa fi hordoffii cimaan taasiifamaa jiraachuu.
Manneen Barnootaa Bultii Addaa Yaaballoo, Nageellee, Dodolaa,Haromaayaa, Amboo, Najjoo fi Buunnoo Bedelleetti ijaaramaa jiranis sadarkaa xumuraa irra gahaa jiru.
Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa Moodeela 40 keessaa 29 gurmaa’anii barattoota kutaa 9ffaa qabxii ol’aanaa qaban simatanii barsiisuu egalaniru jedhan.
Kanneen hafan 11 ammoo bara dhufu barsiisuu kan eegalan ta’uu himaniiru.
1. Ifa Boruu Daallee Sadii (Qellam Wallagga, Daallee sadii)
2. Ifa Boruu Baabboo Gambeel (Wallagga Lixaa, Baabboo Gambeel)
3. Ifa Boruu Diillaa Golgaa (Wallagga Lixaa)
4. Ifa Boruu Qondaalaa (Wallaga Lixaa, Qondaala)
5. Ifa Boruu Ukkee ( Wallagga Bahaa, Guutoo Giddaa)
6. Ifa Boruu Baloo (Wallagga Bahaa, Baloo)
7. Ifa Boruu Naqamtee (Magaalaa Naqamtee)
8. Ifa Boruu Amuruu (Horroo Guduruu Wallaggaa, Amuruu)
9. Ifa Boruu Jaardagaa Jaartee (Horroo Guduruu Wallaggaa, Jaardagaa Jaartee)
10. Ifa Boruu Haroo Shooxee (Horroo Guduruu Wallaggaa, Horroo )
11. Ifa Boruu Dawoo (Shawaa Kibba Lixaa Daawoo)
12. Ifa Boruu Meettaa Walqixxee ( Shawaa Lixaa, Meettaa Walqixxee)
13. Ifa Boruu Baabbichaa( Shawaa Lixaa, Liiban Jaawwii)
14. Ifa Boruu Galgal Kuyyuu (Magaalaa Holataa)
15. Ifa Boruu Gaara Boxoraa (Shawaa Kaabaa, Abbichuu fi Nya’aa)
16. Ifa Boruu Diimaa ( Magaalaa Sabbataa)
17. Ifa Boruu Buraayyuu (Magaalaa Buraayyuu)
18. Ifa Boruu Caffee Tumaa (Magaalaa Galaan)
19. Ifa Boruu Kolbaa Godee (Magaalaa Moojoo)
20. Ifa Boruu Baabbilee (Harargee bahaa, Baabbilee)
21. Ifa Boruu Kooraa (Harargee Lixaa, Bordoddee)
22. Ifa Boruu Sakkinaa Harargee Lixaa, Daroo Labuu)
23. Ifa Boruu Miiccaa (Baalee Bahaa, Sawweenaa)
24. Ifa Boruu Agaarfaa ( Baalee, Agaarfaa)
25. Ifa Boruu Negeellee Arsii (Arsii Lixaa, Negeellee Arsii)
26. Ifa Boruu Kofalee (Gujii, Kofalee)
27. Ifa Boruu Sorraa (Gujii, Annaa Sorraa) xumuramanii torban kana keessa eebbaaf qophaa’uu obbo Addisuun fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.