Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa haguuggiin fuulaa hin qaqqabne Onkoleleessa 9, 2013 barnoota akka hin eegallee ministeerichi yaadachiise

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Manneen barnootaa haguuggiin fuulaa hin qaqqabne Onkoleleessa 9, 2013 barnoota eegaluu akka hin qabne Ministeerri Barnootaa yaadachiisa.
 
Ministeerri Barnootaa haguuggii fuulaa Paarkii Indaastirii Adaamaatti oomishame walharkaa fuudhinsa gaggeesseera.
 
Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaa haguuggii fuulaa kanneen hoggantootaa fi bakka bu’oota Biiroolee Barnootaa naannoleef laataniiru.
 
Manneen barnootaa sadarkaa aanaa fi sanaa gadi jiran keeaatti Onkololeessaa 9, 2013 barnoonni akka eegalamu ni taasifama jedhan Ministirichi.
 
Yaa ta’uutii manneen barnootaa sababoota garaagaraan haguuggiin fuulaa hin qaqqabne barnootaa eegaluu akka hin qabne hubachiisaniiru.
 
Akkuma haguuggiin fuulaa kunneen isaan qaqqabaniin barnoota eegaluu qabu jedhan.
 
Hanga Onkololeessa 30, 2013tti dhiyeessiwwan barbaachisan guutuun manneen barnootaa hunda keessatti barnoota eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Haguuggii fuulaa Paarkii Indaastirii Hawaasaan oomishame gara manneen barnootaatti imalchiisuuf hojjetamaa jiraachuus ibsameera.
 
Ministirichi komishinii Invastimantii Ityoophiyaa fi hoggantoota Paarkii Indaastiriiwwanii dabalatee qaamolee hojii kana keessatti hirmaatan hunda galateeffachuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.