Manneen barnootaa bu’uura hojii ijaarsa dhalootati – Aadde Adaanach Abeebee
Finfinnee, Caamsaa 6, 2016 (FBC) – Hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa magaalaa Finfinnee daawwataniiru.
Finfinnee daa’imman guddisuuf magaalaa filatamtuu Afrikaa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu hoggantoota kanneen kan daawwachiisan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanch Abeebeen ibsaniiru.
Manneen barnootaa bu’uura hojii ijaarsa dhalootaa ta’uu isaaniitiin barumsa sadarkaa duraa babal’isuu eegalee manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa 223, manneen barnootaa 5 fi buufataalee fayyaa 97 moodeela taasisuun ceesisuu dandeenyeerra jedhan.
Hoggatantoota biyoota Afrikaa garagaraa irraa sagantaa muuxannoof gara magaalaa keenyaa dhufaniif manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa akka babal’atanii fi daa’immaniif mijataa akka ta’aniif, daa’imman bifa taphaan barachuu akka danda’aniif, fayyaa daa’immanii eeguu fi guddina guutuu akka qabaataniif manneen barnootaa fi buufataalee fayyaa daa’immaniif mijataa taasisuu fi ceesisuuf hojiilee hojjanne daawwachiifneerra.
Bu’a qabeessummaa hojii keenya ijaarsa dhalootaa yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessuuf hojiilee modeelaa akkasii kana babal’isuun yeroo itti aanutti xiyyeeffannoo addaan manneen barnootaa fi buufataalee fayyaa irratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf hojjachuu keenya cimsinee itti fufna jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.