Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa 96  rakkoo nageenyaatiin hojii baruu fi barsiisuu addaan kutanii turan hojii eegaluu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaatti manneen barnootaa 96  sababa rakkoo nageenyaa garee shororkeessaa Shaneen uumameen hojii baruu fi barsiisuu addaan kutanii turan gara hojii baruu fi barsiisuutti deebi’uu ibsame.

Sababa rakkoo nageenyaa garee shororkeessaa Shaneen uumameen godinichatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa 717 keessaa 275 hojii baruu fi barsiisuu addaan kutanii turuu Ittaanaan hogganaa Waajjira Barnootaa godinichaa obbo Tuulii Addunyaa ibsaniiru.

cufamuu manneen barnootaa kanneeniin barattoonni kumni 78 fi 479 carraa barnootaa dhabanii turuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa hojii qindaa’aa qaamoleen nageenyaa fi hawaasni hojjetaniin aanaalee nageenyi fooyya’an uumametti manneen barnootaa 96 hojii baruu fi barsiisuu eegaluu eeraniiru.

Manneen barnootaa hafan hojii baruu fi barsiisuu kan hin eegalle ta’uu kaasuun hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa hojii nageenya kabachiisuu eegalan cimsanii itti fufuun nageenya naannoo isaanii mirkaneessuun barattoonni gara mana barnootaatti deebi’anii barnoota isaanii akka itti fufaniif ga’eesaanii akka ba’atan gaafataniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.