Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnoota dhuunfaa hojjettoota isaaf miindaa guutuu akka kaffalu murtoon dirqamsiisu darbe

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC) -Manneen barnoota dhuunfaa hojjettoota isaaf miindaa guutuu akka kaffalu murtoon dirqamsiisu darbe.

Manneen barnootaa dhuunfaa hojjettoota isaaf haalduree tokko malee miindaa guutuu akka kaffalu murtoon dirqamsiisu darbuu Ministeerri Barnoota beeksise.

Ministeerri barnoota ibsa guyyaa har’aa lateen, sadarkaa biyyaalessatti qajeelfamni adda ta’e diriirsuun murtichi darbuu ibseera.

Murtichi darbuun dura manneen barnoota dhuunfaa 36 irratti sona taasisu Deettaan Ministira Ministeera Barnootaa Dooktar Garramaw Hulluuqaa ibsaniiru.

Kanarra kan darbe waldaa fi maatii manneen barnoota dhuunfaa akkasumaas qaama dhimmi ilaalatu waliin mariin ta’uu himaniiru.

Bu’uuruma kanaan manneen barnootaa maatii kaffalchiisuu kan danda’an baatii duraan kaffalchiisaa turan irraa %50 hanga %75 qofa ta’uu beeksisaniiru.

Kanummaan walqabatee maatiin weerarrii vaayrasichaa diinagdee isaanii miidhe kaffaltii yeroo dheeraa akka kaffalanii fi homaa iyyuu kaffaluu kan hin dandeenye ammoo raga dhiyeessuun kaffaltiirra bilisa akka ta’an murtaa’eera.

Murtichi naannooleef kan ergame yoo ta’u, Eebila 12, 2012 eegaluun hojiirra ni oola.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.