Fana: At a Speed of Life!

Mana waloo keenya waloon haa tikfannu- Obbo Dastaa Leeddaamoo

Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Hiyyummaa seenaa taasisuuf hirmaannaa taasisaa mana waloo keenya waloon haa tikfannu jedhan Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon.

Obbo Dastaan guyyaa kabaja Ayyaana Sabaafi sablammootaa 17ffaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, ayyaana sabaafi sablammootaa bara kanaa adda kan taasisu barii waliigaltee walitti bu’iinsa waggoottan lamaan darban karaa nagaan furuuf taasifame kabajamuusaati jedhan.

Biyyoota akka Ityoophiyaa aadaa, sabootaafi amantaalee hedduu qabduuf federaalizimiin sabdaneessummaa gurmaa’insa mootummaa isa filatamaa ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun federaalizimii hunda giddugala taasifate ijaaraa jiraachuu nuti ragaadha jedhan.

Hiyyummaa seenaa taasisuuf hirmaannaa gochaa mana waloo keenyaa kan taate Ityoophiyaa waliin haa tiksinu jechuun dhaamaniiru.

Yohaannis Darribawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.