Fana: At a Speed of Life!

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa demokiraasii bal’isuun ajandaa duraa tahuu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC)- Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa Imbaasii Ameerikaatti Kutaa Siyaasaa fi Diinagdee waliin marii’ate.
Walitti qabaan korichaa Dooktar Nagarii Leencoo Imbaasii Ameerikaatti ogeessa Kutaa Siyaasaa fi Diinagdee Koonar Maakgu’aayir waliin ajandaa demokiraasii fi paarlamaa irratti marii’ateera.
Demokiraasiin filannoo wayita tokkoon kan murtaa’uu otuu hin taane,dhimmootaa fi adeemsoota dursanii gaggeeffamanii walitti dabalamuun bu’aa argame tahuu Dooktar Nagariin ibsaniiru.
Koree Dhaabbichaatti Walitti Qabaan Kutaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Pheexiroos Waldasanbat gama isaaniin, heerri mootummaa Ityoophiyaa bara 1987 ragga’e demokiraasii paarlamaa fiixaan baasuuf kan kaayyeeffate tahuu yaaddachiisaniiru.
Miseensi koree dhaabichaa Hordofaa Baqqalaa gama isaaniin, paarlaamaan Imbaasii Ameerikaa waliin dhiyeenyatti hojjechaa akka ture ibsaniiru.
Imbaasii Ameerikaatti ogeessa Kutaa Siyaasaa fi Diinagdee Koonar Maakgu’aayir gama isaaniin, mootummaan isaanii Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophii tahuu beeksisaaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.