Fana: At a Speed of Life!

Mana marechaa fayyadamuun biyyoonni tokko tokko ajandaa siyaasaa mataasaanii ittiin hojiirra oolchuun Ityoophiyaa gaddisiisuu ibsame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Maaree Mirgoota Namoomaa fayyadamuun biyyoonni tokko tokko ajandaa siyaasaa mataasaanii  hojiirra oolchuun Ityoophiyaa kan gaddisiise ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ityoophiyaa beeksise.

Haalli kun Ityoophiyaa haalaan kan gaddisiise ta’uu ibsa baaseen yaadachiiseera.

Komishinii olaanaan mirgoota namoomaa DhMG fi Komishiniin Mirgoota namoomaa Ityoophiyaa miidhaa namoomaa qaqqabee turerratti qorannoo waloo taasisuun gabaasa waloo baasanii turuu ministeerichi ibsa baaseen yaadachiiseera.

Mootummaan gabaasa waloo dhaabbilee kanneenii fudhatee koree olaanaa ministeerotaa hundeessuun yaada eeruu gara hojiitti hiikuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Kun ta’ee osoo jiruu biyyoonni  miseensa mana maree mirgoota namoomaa ta’an Ityoophiyaa ilaalchisee ajandaa siyaasaa mataasaanii qabachuun fi ajandaa siyaasaa isaanii kana karaa mana marichaa hojiirra oolchuuf manni marichaa dhimmicharratti walga’ii addaa akka taasisu waamicha dabarsaa jiraachuu kaaseera.

Haalli kun mootummaa Ityoophiyaa daran gaddisiisuu ministeerichi ibsa baaseen beeksiseera.

Inumayyuu manni marichaa miidhaa gara jabinaa gareen shorokeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti raawwate ajandaa taasifachuun balaaleffachuutu irra ture jedheera.

Biyyoonni miseensa mana marichaa walga’ii addaa fi bu’aa isaa  fedhii siyaasaa biyyoota muraasaa qabate  kana akka morman Ministeerri Dhimma Alaa FDRI gaafateera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.