Fana: At a Speed of Life!

Mana Kitaabaa Abrihootiif sagantaan kitaabilee walitti qabu baatii 1’f turu eegale

Finfinnee, Eebila  28, 2014 (FBC) – Mana Kitaabaa Abrihootiif sagantaan kitaabilee walitti qabu baatii tokkoof turu eegaleera.

Sagantichi mata duree ‘kitaabilee miiliyoona dhaloota miiliyoonaaf’ jedhuun kan gaggeeffamu ta’u ibsameera.

Deeggarsa kitaabilee kanneeniif hundi ashaaraasaa akka kaa’uuf saganticha Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeen eegalchiisaniiru.

Preezdaantittiin, kitaabileen bakka dhalli namaa beekumsa itti argatu, bakka yaaditti qaramuudha jedhaniiru.

Sagantaa guyyaa har’aa eegaleen Komishiniin Gumurukaa kitaabilee kuma dhibba 1 fi kuma 50 ol akkasumas Waldaan Barreessitoota Ityoophiyaa kitaabilee kuma 5 ol laataniiru.

Meeroon Mulgeetaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.