Fana: At a Speed of Life!

Mana barumsaa Bultii Addaa waldaa Misooma Oromiyaa damee Bishooftuuf deeggarsi taasifame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Dameewwan Waldaa Misooma Oromiyaa Godina Arsii fi Shawaa Kibbaa Lixaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa damee Bishooftuuf deeggarsa taasisaniiru.
Godinni Arsii midhaan gosa gara gara kuntaala 524 fi Shawaa Kibbaa Lixaa xaafii kuntaala 90 deeggarsa taasiisaniiru.
Sirna kana irrattis Walitti qabaan Boordiii Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Abbaaduulaa Gammadaa, itti aanaa Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Efireem, Daayrektarri olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaaa obbo Dajanee Itichaa dabalatee hoggantoonni Mootummaa olaanoo biroo argaamaniiru.
Xiyyeeffannoon waldichaa fulduratti dhaloota egeeree cimoo horachuudha jedhan obbo Abbaaduulaa Gammadaan.
Barattoonni mana barumsichas hawaasni keenyaa nu cinaa ta’un nu deeggara waan jiraniif jabaannee hojjechuun qabxii gaarii galmeessuuf kutannee jirra jedhaniiru.
Ifaa Dalasaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.