Fana: At a Speed of Life!

Mamiltoonni lakkooftu duraa kaffaltiif qophii akka taasisan ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Maamiloota kaffalti lakkooftu duraa kaffaluf dursanii akka qophaa’an Tajaajilli Elektirika Ityoophiyaa beeksiseera.

Tajaajilli Elektirika Ityoophiyaa maamiltoota tajaajila lakkooftu kaffalti duraa fayyadamaniif Sadaasa 5 hanga 7,2013tti hojiimaata duraan ture guutumman guututti hojimaata haaraan jijjiiruuf jecha tajaajila kaardii guutuu, lakkooftu sirreessu, kaardii jijjiiruu, kaffalti duraa kaffalu akka hin kennine beeksiseera.

Dhaabbatichi tajaajila qulqullina qabuu fi teeknooloojiin deeggarame kennuuf hojiilee dursanii of qopheessu hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Eleektirika Ityoophiyaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.