Fana: At a Speed of Life!

Mallattoon gabaa omishaalee Jimmaa ifoome

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015(FBC)- Godina Jimmaatti omishaaleen omishaman mallattoon gabaaf ittiin dhiyaatan ifoome.

Godinichatti yuniyeenoonni sadii mallattoo omisha godinichaa gabaaf ittiin dhiyeessan ifoomsaniiru.

Oomshaaleen kunneenis buna, damma, avokaadoo, qamadii, barbareefi kanneen biroo ta’uun eerameera.

Bunni godinichaa gabaa alaaf dhihaachaa turus, mallattoo ibsu akka hinqabne kan eerame yoo ta’u barana bunaa fi oomishaalee biroo mallattoo oomishaalee godinichaa ta’uu ibsu qabaatanii gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiheessuuf hojjatamaa jiraachuu himameera.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahammadsaanii Amiin, omishaalee iddoowwan gara garaatti omishaman mallattoo mataa isaaniitiin gabaaf dhiyeessuun shamattoonni kan barbaadan filatanii bitachuuf carraa akka uumuu himaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, omishaalee godinichaaf mallattoon qophaa’uun, dorgoommii yuuniyeenoota gidduutti uumuun cinaatti qulqulinarratti akka xiyyeeffatan gargaara jedhaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.