Mallattooleen seenaa akka Masaraa biyyaalessaa sadarkaa idil addunyaatti maqaa biyyaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabu – WMM
Finfinnee, Mudde 23, 2017 (FMC) – Mallattooleen seenaa akka Masaraa biyyaalessaa sadarkaa idil addunyaatti maqaa biyyaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Waajjirri Ministira Muummee ibse.
Masaraan biyyaalessaa Haarome hambaalee aadaa guddina diinagdeef gumaacha olaanaa qabu, karoora Tuurizimii Itiyoophiyaa milkeessuuf gumaacha kan qabu ta’uu waajjirichi eereera.
Milkaa’ina hojii Paarkii Tokkummaa fi Magaaloota miidhagsuun fedhii argame bu’uura taasiisuun Masaraan Biyyaalessaa daawwattoota biyya keessaa fi alaa caalmaatti hawwachuu akka danda’u ni eegama.
Sosochii Daldalaa naannawichaa guddisuun galii dabaluu keessatti gahee qabaachuu waajjirichi himeera.