Fana: At a Speed of Life!

Mallattoolee fi ka’umsa hir’ina dhiigaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC) – Hir’inni dhiigaa yoo dhiigni diimaan qaama namaa keessatti argamu haga barbaadamuu gadi ta’e dhibee uumamuudha.

Hiri’inni dhiigaa dhiiraaf wayita hammi Hiimoogiloobinii Giraama 13.5 gadi, durbaaf ammoo giraama 12 gadi wayita ta’e kan uumamuudha.

Mallattoon isaas dadhabbii, afuurri ciccituu, harkii fi miilli
diilallaa’uu, dhukkubbii mataa, lafti namaan maruu, waa yaadachuu dadhabuu faa’i.

Akkasumas dha’annaan onnee oduma taa’anii akka
nama fiiguu namatti dhaga’amuu, keesse gurraa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu keessaa isaanii muraasa ta’uu ogeeyyiin yaala fayyaa ni dubbatu.

Wayita da’umsaa dhiigni dhangala’uu, marsaan laguu, balaa tasaa, kintaarootii, hir’inni vaayitaamin B, hir’inni elementii ayiranii, dhukkubni garaachaa, raammoon garaa, dhukkubni busaa fi dhukkubni kalee yoo baayyee namarra ture dhibee kanaaf nama saaxala jedhame.

Nyaata akka hundee diimaa, timaatimaa, loomii,Tiruu beeyladootaa, kuduraalee fi muduraalee, Dammaa fi Aannan nyaachuun dhibicharraa fayyuun kan danda’amu ta’uu ragaan Kolleejjii Saayinsii Fayyyaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.