Fana: At a Speed of Life!

Malkaa Qunxurreen UNESCO’tti galmaa’e

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Nannawaan Hambaa lafee dhala namaa Malkaa Qunxurreen Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) galmaa’e.

Yaa’ii waggaa Giddugala Hambaa Idil Addunyaa UNESCO 46ffaa Hindi Niwdeelhiitti gaggeeffaamaa jirurratti naannawaan argama lafee dhala namaa kun ulaagaalee sadii guutuun hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uun ibsameera.

Naannawichi umrii waggaa miiliyoona 2.5 ol kan lakkoofsisee fi Bara Dhagaatti meeshaalee dhaagarraa bocamanii dhalli namaa itti fayyadamaa turan kan argamu ta’uun ibsameera.

Akkasumas hambaaleen lafee dhala namaa fi beeyladootaa naannawaa itti argamu ta’uurraan ulaagaa guutuun galmaa’uun ibsameera.

Ministirri Ministeera Tuuriizimii Amabaasaaddar Naasisee Caaliin ergaa yaa’ichaaf erganiin, hambichi kan galmaa’e waggaa 50’ffaa argamuu hambaa lafee dhala namaa Luusii wayita kabajamaa jirutti ta’uun hiika olaanaa qaba jedhan.

Hambichi eegamee akka turuuf mootummaan Itiyoophiyaa tumsa barbaachisaa akka taasisu ibsuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Malkaa Qunxurreen Finfinneerraa Kiiloo meetira 50 irratti Sulula Laga Awash Olaanuu Aanaa Qarsaa Maallimaatti kan argamu yoo ta’u, hambaalee Kiliyyaa 12ffaa UNESCO’tti galmaa’e ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.