Fana: At a Speed of Life!

Malaamaltummaa ittisuuf dhaloota hojmaata isaarratti ejjennoon qabsaa’uu horachuun murteessadha – komishinii naamusaa fi farra malaamaltumma Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC) – Guddina biyyaaf qormaata kan ta’ee malaamaltummaa ittisuuf dhaloota hojmaata isaarratti ejjennooon qabsaa’uu horachuun murteessaa ta’uu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaamaltumma Oromiyaa beeksise.
Komishinarri komishinii naamusaa fi farra malaamaltumma Oromiyaa Tashooma Girmaa midiyaaleef ibsa har’a laataniin guyyaan farra malaamaltumma addunyaa akka naannoo Oromiyaatti yeroo 15ffaa boruu magaalaa Adaamatti kan kabajamu ta’uu eeraniiru.
Guyyichi mata duree ‘ijaarsa naanumsaa dhaloota sirna cimaan hogganamu, hannaa fi hojmaata badaarratti qabsaa’uun imala badhaadhina ni saffisiisna’’ jedhuun kabajama jedhan.
Imaana ummataa fi biyyaa dagachuun fedhii ofiif qofa jiraachuun dhumni isaa rakkoo nageenyaa fi diinagdee ta’a jedhan Komishinarich.
Hojiin malaamaltummaa ittisuurratti hojjatamu ammas fooyya’insa barbaadaa jedhaniiru.
Malaamaltoota saaxiluuf hirmaannaan ummataa cimuu akka qabu komishinarichi dhaamaniiru.
Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.