Fana: At a Speed of Life!

Magaloota 3tti buufataleen raabsaa humna elektiriika baasii doolaara miiliyoona 53.7 ijarraaman eebbifaman

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) –Magaaloota Biishooftuu, Dukaamii fi Mojoottii buufataleen raabsaa humna elektiriikaa baasii doolaara Ameerikaa miiliyoona 53.7 ijarraaman eebbifamaniiru.

Buufataleen kunneen magaalotaa fi naannichaaf humna elektiriikaa ga’aa akka laataniif kan ijaarramaniidha.

Buufataleen raabsaa kun rakkoowwan humna fi to’annoo muudaatan akka hambisan ibsameera.

Finfinneerra fageenya kiilo meetira 30 magaalaa Dukaamitti kan ijaarramee buufanni raabsaa humna elektirikaa kiilo vooltii 230/15 hojiin sakattoo fi yaalii guutummaa guutuutti xumuramuu ibsameera.

Buufanni raabsaa humna elektiriikaa Bishooftuu kiiloo vooltii 400 hanga raabsaa Dukaamitti dheeriina kiilo meetira 16 kan qabuu abba cimdii kiilo vooltii 230 sararrii daddabarsa humna elektiriikaa olaanaan diriirfamuu ibsameera.

Magaalaa Mojootti kan ijaarrame buufanni humna eleektiriika abbaa kiilo vooltii 230 hojiin sakattoo fi yaalii guutumma guutuutti xumuramuu ibsameera.

Buufataleen Dukaamii fi Mojoo abbaa cimdii kiilo vooltii 230 sarara ba’uu fi abbaa 10 kiilo vooltii 15 sararoota kan qabu yoo ta’u, tiraanisfoormaroonni ampiir abbaa lamaa meeggaa vooltii 50 dhaabbataniiru.

Ijaarsii buufatalee kanneenii %85 liqaa baankii misoomaa faayinaansirra argameen yoo ta’u, %15 ammoo baasii mootumma Ityoophiyaati kan ijjaarrameedha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.