Fana: At a Speed of Life!

Magalichatti Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf Birrii miiliyoonni 518 ol walitti qabame

Finfinnee, Eebla 1, 2015(FBC)- Magalaa Finfinneetti baatiiwwan salgan darbanitti jiraattotarraa ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaaf Birrii miiliyoonni 518 ol walitti qabamuu Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa magaalichaa beeksise.

Guyyaa dhagaan bu’uuraa hidhichaa kaa’ame waggaa 12ffaa sababeeffachuun guyyaa har’aa kutaa magaalaa Ekkaatti hojiileen misoomaa garaagaraa hojjetamuu ibsameera.

Milkaa’ina hidhichaaf deeggarsiifi hirmaannaan jiraattota magaalichaa cimee kan itti fufu ta’uu Hogganaan Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa magaalichaa Misikkir Nagaash ibsaniiru.

Guyyaa ijaarsi hidhichaa eegalerraa kaasee jiraattonni magaalichaa hanga ammaatti Birrii biiliyoona 4.4 walitti qabuun deeggarsa taasisuu eeraniiru.

Bara baajataa kanattis kutaalee hawaasaa garaagaraa magaalichaarraa Birrii miiliyoona 685 walitti qabuuf karoorfamee baatiiwwan salgan darbanitti Birrii miiliyoonni 518 walitti qabamuu eeruusanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.