Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti qamadiin Bonaa lafa hektaara miiliyoona 2 fi kuma 555 ol faca’uun ibsame

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti misooma qamadii Bonaa baranaan hanga ammaatti lafti hektaara miiliyoona 2 fi kuma 555 fi 823 faca’uu Biiroon Qonnaa oromiyaa beeksise.

Jilli hogganaa Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti facaasaa qamadii Bonaan gaggeesseera.

Saganticharatti Obbo Geetuun lafa qonnaa qonnaan bultootaa seeraan ala saamamamaa ture qonnaan bulaaf deebisuun kilaastera bal’aarratti qamadiin misoomaa jiraachuu ibsan.

Biirichis qonnaan bultoonni misoomaa gaggeessaa jiraniin deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsaniiru.

Magaalonni inisheetiivii qonna magaalaa milkeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii boonsaa hojjechaa jiran cimsanii akka itti fufan Obbo Geetuun dhaamaniiru.

Karoora misooma qamadii Bonaa barana lafa hektaara miliyoona 2.6 misoomsuuf karoora qabamee ol milkeessuuf hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoona 2.7 (103%) qotamuun, hektaara miiliyoona 2.5 ol ( 97%) faca’uu Obbo Geetuun himuuniiru.

Kan hafes yeroo gabaabaa keessatti facaasuun xumuruun, oomisha kuntaala miliyoona 105.8 argachuuf hordoffii fi deeggarsi barbaachisaan itti fufiinsaan kan taasifamu ta’uu eeruu ragaan Biiroo Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Akka magaalaa Shaggaritti bara kana lafa hektaara kuma 60 qamadii Bonaa misoomsuuf karoorfamuun hanga ammaatti lafa hektaara kuma 56 irra faca’uu fi misooma beeladaa, Lukkuu, aannanii, Booyyee akkasumaas muduraa fi kuduraarratti hojiilee bala’aan hojjetamaa jiraachuu Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.