Fana: At a Speed of Life!

Magaalota sababa waraanaan miidhaa cimaan irra ga’e deebisanii dhaabuuf magaalonni 58 waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Magaalota sababa waraanaan miidhaa cimaan irra ga’ee fi barbadaa’an  deebisanii dhaabuuf magaalonni 58 waliigaltee tumsaa waliif  mallatteessuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Ministeerichi hojimaanni adeemsa magaalota barbadaa’an  saffisaan deebisanii dhaabuu gargaaru diriirfamuus ibseera.

Ministeerichi raawwii hojii baatiiwwan ja’an darbanii magaalaa Hawaasaatti gamaggameera.

Ijaarsa manneenii, dhiyeessii lafaa fi dame ijaarsaa ammayyeessuuf, magaalota jiraattotaaf mijatoo fi fooyya’oo taasisuuf hojimaanni diriirfamuu eereera.

Naannolee Amaaraa fi Afaaritti jiraattota magaalaa miidhaa guddaan irra ga’e deeggarsa guyya guyyaa akka argataniif ministeerichi tattaaffii taasisaa turuu Ministir Deetaan  Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa obbo Faantaa Dajanee yaadachiisaniiru.

Magaalota waraanaan miidhaman saffisaan deebisanii dhaabuu fi kan kanaan duraarra tajaajila fooyya’aa akka laataniif sirni walitti hidhamiinsaa magaalonni ittiin wal deeggaran qophaa’uu eeraniiru.

Haaluma kanaan magaalonni 58 waliigaltee hariiroo mallatteessuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.