Fana: At a Speed of Life!

Magaalota garaagaraatti pirojektoonni misoomaa tajaajilaaf banaa ta’aa jiru

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Oromiyaa Magaalota garaagaraatti pirojektoonni misoomaa fayyadamumma hawaasaa mirkaneessan tajaajilaaf banaa taasisuun itti fufeera.

Magaalaa Mojootti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf bara 2016 keessa hojjetaman eebbifamaniiru.

Sirna eebbichaarratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abduramaan, hoggansi sadarkaa Naannoo, Bulchiinsa Magaalaa Mojoo, jiraattootnii fi keessummoonni biron argamaniiru.

Magaalaa Mojootti bu’uuraaleen misoomaa 60 fayyadamummaa ummataa mirkaneessan Birrii miiliyoona 250 oliin hojjetamanii Xumuramuu ragaan kominikeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin Magaalaa Caancootti riqichi laga Garmaamaa , daandiin dhagaa bocamaa fi manni barumsaa bu’uura boruun bakaka itti Gaafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan argamanitti eebbifameera.

Magaalichatti pirojektoonni 11 Birrii miiliyoona 200’n hojjetamanii xumuramuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.