Fana: At a Speed of Life!

Magaalota bakka jireenyaa filatamoo taasiisurratti Itiyoophiyaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jirti – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Magaalota bakka jireenyaa filatamoo taasiisurratti Itiyoophiyaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jiraachuu Ministirri Magaalaa fi Bu’uraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.

Fooramiin jalqabaa Magaalota Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Itiyoophiyaan fooramicha akka qopheessitu erga filatamtee eegalee qophii barbaachisu taasiisaa turuu Aadde Caaltuun himaniiru.

Fooramichi babal’ina magaaloon walqabatee rakkoo mudataa jiran tumsaan furuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Ajandaa Afrikaa 2063 milkeessuuf misooma magaalotaa waaressuuf hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan magaaloota qulqulluu fi jieenyaaf mijataa taasiisuurratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.