Fana: At a Speed of Life!

Magaalootaa fi gandoota baadiyaa naannichaa hundaatti yeroo gabaabaa keessatti humna akka argatan gochuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) –Naannoo Tigiraayitti bu’uuraalee misoomaa humna elektirikaa miidhaan irra ga’e suphuun magaalootaa fi gandoota baadiyaa hundaatti yeroo gabaabaa keessatti humna akka argatan gochuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.
Naannoo Tigiraay magaalaa Maqalee fi magaloota naannichatti argamanirraa citee kan ture dhiyeessiin humna elektirikaa gara tajaajila idilee laachuu guutumaatti deebisuuf hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Wayita ammaa magaaloonni Waajaa, Alaamaaxaa, Maaycaaw, Mahoonii, Adigoosuu, Adiigodam, Kuhaa, Maqalee, Wuqiroo, Agulaa’ii, Adigiraat, Hawuzaani fi naannoo Afaar jalatti kan argamu Barhaalee fi Agulaa guutummaatti fayyadamtoota elektirikaa ta’aniiru.
Dabalataan Firewaynii, Idaagaa Hamus, Abiiy Adii, Zaalanbasaa, Dawuhaan, Yacaalaa Hagar Salaam fi Atsibii yeroo dhiyootti elektirika akka argataniif hojjetamaa jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.