Magaaloonni Godina Walloo Kaabaa fi Kibbaa raayyaa ittisa biyyaan to’atamaa jiru jedhame
Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Tarkaanfii Raayyaa ittisaa biyyaa fudhata jirun magaaloonni Godina Walloo Kaabaa fi Kibbaa raayyaa ittisa biyyaan to’atamaa jiraachuu ibsameera.
Hogganaan Adda Waraanaa Walloo Kaabaa Koorii 210’n Koloneel Takiluu Hurrisaa, tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa fudhatee magaaloonni biroo to’annaa raayyaa ittisaa biyyaa jalaa akka olaniif hojjetaa jirra jedhaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa lolaa guyyaa murasa fudhateen loltoota garee ABUT godina Walloo Kaabaa qabatanii turan akka gadii lakkifamaniif taasiseera jedhaniiru.
Gareen Shororkeessaa ABUT lolicha irratti daa’immaan umriin isaanii lolaf hin geenyee hirmaachisaa jiraachuu kan himan koloneel Takiluun, kun ammoo hammam garichi abdii kutaachuun isaa hubatamu qaba jedhu.
Yeroo dhiyootti magaaloota godina Walloo kaabaa dabalate kutaalee garichan qabaman hunda irratti tarkaanfii keessaa deebii hin qabne garicha irratti kan fudhatamuu ta’uu himaniru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.