Fana: At a Speed of Life!

Magaaloonni Giddu-gala Gurgurtaa qofa Osoo hin taane Giddu gala Oomishaas ta’aa jiru – Obbo Geetuu Gammachuu

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Jilli Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Oomisha Qamadii Jallisii Bonaa Magaalaa Adaamaa daawwateera.

Kutaa Magaalaa Bokkuu Aanaa Awwashii fi Kutaa Magaalaa Dambalaa Aanaa Wanjiitti Qamadiin kombaayineraan sassaabamaa jira.

Magaalonni teeknooloojiitti gargaaramuun Qonna-qindaawaa gaggeessuun bituurraa gara oomishuutti ce’uun wabii nyaata mirkaneeffachuuf hojjechaa jiraachuu Obbo Geetuun daawwannicharratti ibsaniiru.

Magaalaan Adaamaa lafa hektaara kuma 25 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 1.25 argachuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Jilli kun hojii misooma kilaastera muduraa, kilaastera horsiisa horii aannaniifi furdisa horii foonii magaalicha keessatti hojjetamaa jirus daawwachuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.