Fana: At a Speed of Life!

Magaalonni Oromiyaa bakka jireenyaaf mijatoo akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Magaalonni Oromiyaa bakka jireenyaa mijatoo akka ta’aniif hojjetaa jiraachuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa beeksiseera.

Hogganaan Biirichaa obbo Guyyoo Galgaloo akka jedhanitti rakkoowwan bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaa wajjin wal qabatanii ka’an hiikuun gaaffii ummataa kallattii paartiin yaa’ii isaa 1ffaa keessatti adda baaseen qixa sirriin deebisuuf hojjetaa fi hoggansi hundi itti gaafatummaan hojjechuu akka qabu beeksisaniiru.

Biirichi innisheetiiviwwan addaa bocuun naannichatti tajaajila uummataa mirkaneessuuf hojjetaa jiraachuu ibsuun, Innisheetiiviwwan damee paarkii magarisummaa, qonnaa magaalaa, tajaajila misooma magaalaa, ijaarsa paarkiwwan magaalota Oromiyaa keessatti gaggeessa jira.

Kanaan ammoo bu’aan walitti hidhaminsa addaa akka uumamu ta’era.

Biirichii raawwii hojii baatiwwan salgan darbaniin akkaataa karoorfameen hojjetamaa jiraachuu ibsuun ciminoota mul’atan daran itti fufsiisuun haqinoota jiranis furamaa deemuu, hoggantoonnii fi ogeeyyiin caasaa sadarkaa sadarkaan jiru hordoffi fi deeggarsa taasisuu, prpojektoonni haaraan calbaasiin ba’ee gara hojitti akka seenan taasifamuu kaasaniiru.

Kanaanis proojektoonni sigiga lafa magaalaa Ciroo, Gimbii fi gidduu galli gabaa Moyyaalee akka fakkeenyaatti kaa’ameera.

Hanqinoonni magaalota muraasa keessatti mul’atan biroon galiin mana qopheessaa hanga barbaadame funaanamu dhabuu, pilaaniin magaalotaa guutummaatti lafa qabachuu dhabu, balfa magaalaa keessaa yeroo yerootti hawaasni ofitti fudhate hojjechuu dhabuun akka mul’atu gamaaggama raawwii hojii kurmaana darbanin ibsameera.

Kun ammoo hawaasni keenya jireenya mijataa magaalaa keessatti akka argatuuf gargaara jedhamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.