Fana: At a Speed of Life!

Magaalonni Naannoo Amaaraa rakkoo nageenyaan sochii dhaabanii turan gara sochii idileetti deebi’aa jiru-TKM

Finifinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Magaalonni Naannoo Amaaraa ijoon rakkoo nageenyaan sochii dhaabanii turan gara sochii idileetti deebi’aa jiraachuu Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa ibse.

Haala yeroo ilaalchisuun Ministirri tajaajilichaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Ajajni Qajeelcha Waliigalaa Yeroo Ariifachiisaa erga hundeeffamee tarkaanfiilee fudhatamanii fi bu’aalee argaman gamaaggamuun tibbana ummataaf ifoomsuu yaadachiisaniiru.

Akkaataa karoora Ajajichaan tarkaanfiilee fudhatamaniin magaalonni ijoon Naannoo Amaaraa humnoota “Garee Saamtotaan” weeraramanii turaan tarkaanfiilee fudhatameen magaalonni kunneen walaba baafamuu ibsaniiru.

Humnoota magaalota keessaa dheessuun naannawaa magaalotaa dhokatan, akka gara nagaatti dhufan gaafatamanillee fedhii waan hinargisiineef tarkaanfii irratti fudhatamuu ibsaniiru.

Naannichi keessumaa magaalonni gara sochii idileetti akka deebi’aniif ummanni tumsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiseef galateeffataniiru.

Kanaanis magaalonni soda “Hoomaa Saamtotaarraa” walaba ta’uu ibsaniiru.

Qabeenyaalee saamaman akka deebifamaniif hojiin adda baasuu, mariin sadarkaan gaggeeffamuu eegaluu kan kaasaan Dooktar Laggasaan, guyyaa kaleessarraa eegalees balaliin xiyyaaraa gara naannichaatti taasifamuu fi dhaabbileen kenniinsa tajaajilaa hojii isaanii eegaluu ibsaniiru.

Ammallee daandiin nageenyaa gamaa mootummaan qaamolee kamiifuu, yeroo kamuu banaa ta’uus ibsaniiru.

Rakkoo umamee waliin shakkamtoonni 23 sadarkaa olaanaan kallattinis ta’ee kallattiin ala hidhataa garechaa qabuu jedhaman to’annoo jalaa oolfamuunis ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.