Fana: At a Speed of Life!

Magaalonni giddugala milkaa’ina galmoota qabamanii akka ta’aniif hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Magaalonni giddugala milkaa’ina galmoota qabamanii akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pireezidanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Magaalota keenya gidduugala omishaa, ogummaa fi bulchiinsa gaarii taasisuudhaan, galma wabii nyaataa mirkaneessuu, kennaa tajaajila fooyyeessuu, ogummaa dagaagsuu fi intarpiranaroota horachuuf qabame milkeessuuf sochii bal’aan taasifamaa jiraachuu kaasan.

Haa ta’uu malee, magaaloonni keenya ammallee lafa hiyyummaafi hojii dhabdummaan itti heddummatuu ta’uu eeruun, haala kana jijjiiruuf carraawwan hedduu qabaannus dilbiiwwan jiran ga’uumsa guutuun fayyadamaa hinturre jedhan.

Kanaafuu, tarsiimoo sirrii dilbii magaalonni qaban lakka’ee raawwiitti hiiku diriirsuun dhimma beellama barbaadu akka hinturre eeranii, inisheetivoota gosa adda addaa bocuun hojiitti galamuu ibsan.

Kanneen keessaa beeyladaan kilaastara kuma 15 fi 200 ijaaruuf karoorfamee, keessaa raawwii hanga kurmaana 2ffaatti jiruun, furdisa looniin kilaastarri kuma 1fi 730 qophaa’ee loon kuma 115 galchuun hojiin furdisaa isanii gaggeeffamaa jiraachuu himan.

Hormaata horii aannaniitiif kilaastarri kuma 1 fi 703 ijaaramuun foonaa kuma 97 fi dhibba 500 galchuu dubbataniiru.

Akkasumas, horsiisa lukkuutiif kilaastara kuma 4 fi 901 qopheessuun, lukkuu miiliyoona 17.4 galchuu akka danda’mes eeraniiru.

Horsiisa boyyeetiif kilaastara 355 kan qophaa’e yoo ta’u, boyyeen kumni 20 fi 500 galanii kunuunfamaa jiru jedhan.

Kanaan yoo madaalamu raawwiin ji’oottan jahan darbanii % 100 ol ta’ii ibsaniiru.

Haa ta’uutii, ga’uumsi kun hiyyummaa, qala’iinsa jireenyaafi hojii dhabdummaa magaalota keenya keessa jiru waliin walbira qabamee yoo ilaalamu, akka milkaa’inaatti akka hintaanee fi hojiileen dachaa kumaatamaa kan hafan ta’uu kan agarsiisuudha jedhan.

Dilbii magaalonni keenya qaban duguugnee fayyadamuuf hojmaata sirrii diriirsuufi xiyyeeffannaa addaa kennuun kan eegamu ta’uu hubachiisan.

Humna namaafi leecalloo qabnu hunda haalan gurmeessinee hojiitti galchuun dhimma boruuf kaa’amneedha jedhaniiru.

Milkaa’ina isaatiif hoggansi sadarkaan jiru, ogeeyyiin, deeggartoonnii fi qooda fudhattoonni hundi xiyyeeffannaa fi xiiqii olaanaan akka hojjetan Pireezidaanti Shimallis waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.