Magaalichi barattootaa fi barsiisota kuma 30 oomisha duultota waraanaa walitti qabaniif wiixata dhufu gaggeessaa taasisa
Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Magaalaan Finfinnee barattootaa fi barsiisota kuma 30 oomisha duultota waraanaa walitti qabuuf qophiirra jiraniif wiixata dhufu gaggeessaa kan taasisu ta’uu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Biirichi mata duree “ Duula Barnootaa” jedhuun oomisha namoota duula birmadummaarratti hirmaachuun gara adda waraanaatti duulanii walitti qabuuf miseensota hawaasa barnootaa bakkeewwan garaagaraatti bobbaasuuf ta’uu ibseera.
Haaluma kanaan biirichi barattootaa, barsiisota, fi hoggantoota kuma 30 oliif wiixata dhufu gaggeessaa kan taasisu ta’uu ibseera.
Sirni gaggeessaa kun ganama sa’atii 1:00 irraa kaasee Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti bakka hoggantoonni olaanoo fi qaamolee dhimmi ilaallatu argamanitti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.