Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti yaa’insa sochii tiraafikaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Ejansiin Bulchiinsa Tiraafikaa magaalaa Finfinnee yaa’insa sochii tiraafikaa fooyyeessuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Adeemsi baruu fi barsiisuu eegalamuun walqabatee yaa’insi sochii tiraafikaa rakkoo akka hin uumne hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ejansichi ibseera.

Naannoo Manneen Barnootaatti rakkoon sosochii tiraafikaa akka hin uumamne hawaasa barnootaa waliin marii’atamuun waliigalteerra ga’amu Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa Ejansichaa Injiinar Eeliyaas Zargaan himaniiru.

Hojiilee nageenya daandii fooyyesuu cinaatti balballi ba’umsaa fi galumsaa manneen barnootaa haala sochii tiraafikaaf mijatuun akka sirreeffamu taasiifamaa jiraachuu kaasuu isaanii ragaan ejansicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.