Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti waliigalteen manneen jireenyaa waliin kuma 30 ijaaruuf dandeessisu mallattaa’e

Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhaabbata ‘Waadii Alsiidar Koomeeshaal Invastimanti Liiyaabiiliitii Liimiitiid’ jedhamu waliin manneen jireenyaa baasii qusatan kuma 30 ijaaruuf waliigaltee mallatteesse.
Manneen Jireenyaa waliinii kunneen deeggaarsa Emireetoota Araba Gamtoominiirraa argameen kan ijaarramu ta’uu ibsameera.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi bakka bu’aan dhaabbata ‘Waadii Alsiidar Koomeeshaal Invastimanti Liiyaabiiliitii Liimiitiid’ itti gaafatamummaan murtaa’ee Intarneetiin waliigalticha mallatteessaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa waggoota shanan dhufan keessatti fedhii mana jireenyaa jiraattoota magaalichaa guutuuf dhaabbilee biyya keessaa fi alaa waliin manneen jireenyaa waliinii miiliyoona 1 ol ijaaruuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu aadde Adaanach dubbataniiru.
Deeggarsa Mootummaa Emireetoora Araba gamtoomaniirraa argameen kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti lafa hektaara kuma 64.4 irratti ijaarsa marsaa jalaqaa manneen jireenyaa waliinii kuma 30 eegaluuf waliigalamuu himaniiru.
Magaalaa Finfinneetti waggoottan 16 darbanitti manneen jireenyaa kumni dhibbi 3 ijaarramuun jiraattootaaf darbafamuu eeraniiru.
Manneen jireenyaa waliin kumni dhibbi 1 fi kumna 39 ol ammoo ijaarsarra jiraachuu aadde Adaanach dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.