Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti waldaalee qulqullina magaalaarratti gurmaa’aan 40f deeggarsi meeshaalee qulqullinaa taasifame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Waldaalee qulqullina magaalaarratti gurmaa’aan 40f deeggarsi meeshaalee qulqullinaa taasifameera.
Waldaalee balfa gogaa guuruun tajaajila kompostiif oolchaan walii gala miseensota 400 ta’aniif deeggarsi meeshaalee taasifameera.
Waldaaleen gandoota magaalichaa 9 irraa walitti bobba’uun balfa gogaa guuruun gara kompostitti eerga jijjiraniin booda gurgurachuun galii isaanii akka guddifataniif deeggarsii barbaachisaa ta’ee leenjii dabalatee kan kennamuuf ta’uu Hojii Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Jimmaa Obbo Hayidar Dirrib himaniiru.
Akkasumas ganna dhufaa jiruun wal qabatee miidhaa lolaa dhaqqabuu malu ittisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Waldaaleen kanneeniif Birriin miiliyoonni 10 ol ramadamuun
hojjetamaa turuu eeraniiru.
Abdurehmaan Mahammaditu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.