Magaalichatti torban torbaniin Baazaariin daldalaa ni gaggeeffama jedhame
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti qaala’iinsa jireenyaa akkasumas dhiyeessii fi raabsa oomishaan daballii gatii nam-tolchee uumamu hir’isuuf torban torbaniin dilbata dilbata Baazaariin daladalaa kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Baazaarichi walitti hidhamiinsa dhiyeessitootaa fi shammattoota gidduu jiru gabaabsuu fi filannoowwan gabaa bal’isuuf kan kaayyeffate ta’uu hoogganaan biirichaa obbo Adam Nuurii eeraniiru.
Marsaa jalqabaa baazaarii daldalaa kanaaf bakkeewwan 20 qophaa’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan dilbata dhufu baayyina namootaa fi mijattummaa geejjibaa bu’uura godhachuun Maganaanyaa, Piyaassaa, Addabaabaayii Meeksiikoo, Buufata Konkolaataa Qaallittii fi Marfata Jamoo 67tti hojiin yaalii kan eegalu ta’uu himaniiru.
Baazaarii kanaan oomishaaleen qonnaa kanneen akka Daakuu Xaafii fi Qamadii, Bu’aawwan Baaltinnaa, Midhaan callaan akkasumas kuduraa fi muduraan kan dhiyaatan ta’uu ibsameera.
Oomishaalee Indaastiriin Zayita, Makaroonii fi Paastaan ka dhiyaatan ta’uu ibsameera.
Baazaarii kanaan waldaaleen hojii gamtaa Oromiyaa fi naannawaa Finfinnee, Qonnaan bultoonni, Waldaaleen hojii gamtaa magaalichaa, Daldaltoonni jumlaa magaalichaa fi warshaaleen nyaata oomishuurratti bobba’an kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
Hayimaanot Iyyaasuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.