Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Sirni Soolaata Ayyaana Iid Al Adahaa 1443ffaan nagaan xumuramuu Poolisiin beeksise

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Sirni Soolaata Ayyaana Iid Al Adahaa 1443ffaan nagaan xumuramuu Poolisiin Magaalichaa beeksiseera.

Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan nagaan akka kabajamuuf Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii karoora haala yeroo hubannoo keessa galche baasuun qophii taasisuun gara hojiitti galuun isaa ni beekama.

Hawaasniifi hordoftoonni amantichaa tola ooltota qindeessuun hojii hojjetameen sirni soolaataa naanno Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffame nagaan xumuramuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Sirnichi jalqabee hanga xumuramutti tumsa hirmaattonni ayyaanichaa agarsiisaniifi qaamolee nageenyaa dadhabne osoo hin jedhiin hojii isaanii ga’umsaan hojjetaniif poolisiin magaalichaa galateeffateera.

Kabajni ayyaanichaa hafe nageenyaan akka itti fufuuf bakka hundatti humni nageenyaa ga’aan ramadamee hojiisaa ga’umsaan hojjechaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Hawaasni dhimma nageenyaan walqabaterratti gama toora lakkoofsa bilbilaa bilisaa 991 yookaan 816 akkasumas gama toorawwan bilbilaa 01- 11 -11- 01 -11፣ 01- 11- 26- 43- 59 fi  01- 11- 01- 02- 97n eeruu kennuu kan danda’u ta’uu yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.