Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Sagantaa nyaata barattootaa ilaalchisee qophii ga’aan taasifamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015(FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2015 ilaalchisee kan kanaan duraarra qophii ga’aa  taasisuu Daayrektarri olaantuun Ejensii nyaata hawaasaa magaalichaa Anchiinash Tasfaayee ibsan.

Bulchiinsi magaalichaa baajata Birrii biiliyoona 4 ol eeyyamuufi kan baroota darbaniin wal bira qabamee yeroo ilaalamu %20  caalmaa qabaachuu Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Haadholiin nyaata barattootaaf qopheessan galteewwan kallattiin oomishtootarraa akka argatan taasifamuu eeraniiru.

Akkuma kanaan duraa qaamoleen garaagaraa sagantaa nyaata barattootaaf deeggarsa taasisuu kaasaniiru.

Hangi barattootaa dabaluu mala jedhamee haaldureen barbaachisaan taasifamuu ibsameera.

Siisaay Geetinnatitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.