Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti saaxilamummaa kirkira lafaan walqabatee koreen ogeeyyii hundaa’e

Finfinnee, Mudde 27, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti carraa saaxilamummaa kirkira lafaa gara fulduraa mudachuu malu hubannoo keessa galchuun qorannoo of eeggannoo duraa gaggeessuuf koreen ogeeyyii hundaa’eera.

Kaantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hayyoota Yuuniversiitii Finfinnee Ji’oofiiziksii, Dhaabbata Saayinsii hawwaa fi Astiroonoomii, akkasumas Ji’ooloojikaal Sarveey waliin mari’ataniiru.

Kirkira fi hollannaa lafaa kutaalee biyyattii garaagaraatti mudachaa jiruu fi ficaatii waliigalaa ilaalchisee marii gaggeessuu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Kirkirri lafaa yeroo ammaacnaannoo Afaariitti irra deddeebiin mudachaa jiru hollannaan isaa Magaalaa Finfinneetti mul’aa jiraachuu qorannoon kan agarsiisu ta’uu hayyoon maricharratti hirmaatan ibsaniiru.

Waayita hollannaan kun mudate rifaatuu fi jeeqamiinsa malee gorsa ogeeyyiirraa kennamu hordofuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Finfinneen gara fuulduraa carraa saaxilamummaa qabaachuu isheen qorannoo of eeggannoo duraa barbaachisu taasisuuf gargaaraan gaggeessuuf waloon hojjechuuf waliigalamuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.