Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti rakkoon addaan ciccituu humna elektirikaa mudate torbanoota 2 keessatti kan sirratu ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee bakkeewwan garaagaraatti  rakkoon addaan ciccituu humna elektirikaa tibbana mudate torbanoota 2 keessatti kan sirratu ta’uu Tajaajilli Elektirikaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Ka’umsi rakkichaa tiraanisfoormeriin gubachuu ta’uu hojii raawwachiisaan tajaajilichaa Dooktar Gabayyahu Likkaasaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Raabsaa humna elektirikaa magaalaa Sabbataa naannoo Anfootti argamurraa tiraanisfoormeriiwwan sadii keessaa tokko gubachuu fi bakkeewwan tiraanisfoormericharraa humna argatan kanneen akka Alam Baank, Beetel, Xoor Haayilooch, Jamoo fi kanneen birootti rakkoon addaan ciccituu fi baduuhumna elektirikaa mudachuu eeraniiru.

Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa rakkichatti furmaata  yeroo laachuuf traanisfoormeriiwwan lameen humna dabalataa akka baatan taasisuun rakkicha furuuf yaalii taasisuu kaasaniiru.

Raabsawwan humna elektirikaa magaalicha keessa jiranirraa humna walitti fiduun bakkeewwan kuunneen dabareen tajaajila akka argatan gochuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkichi torbanoota 2 dhufanitti guutummaa guutuutti kan furamu ta’uu himaniiru.

Tigist Abrahaamtu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.