Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti rakkoo addaan ciccituu human elektirikaa furuuf hojiin deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee fi naannawaasheetti rakkoo addaan ciccituu humna elektirikaa furuuf proojektiin deebisanii ijaaruu fi dandeettii guddisuu Doolaara miiliyoona 85’iin hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Proojektichi magaalota naannawaa Finfinnee raadiyeesii kiilomeetira 50 keessatti argaman keessatti hojiirra ooluu eegaluu ibsameera.

Proojektichi rakkoo addaan ciccituu humna elektirikaa sababa dulloomuu sararawwan daddabarsa elektirikaan dhufu furuuf hojiirra kan ooludha jedhame.

Proojektichi dhaabbilee Chaayinaa ‘ Chaayinaa Elektirik Paawor Ekuu’ipment Teekinooloojii fi Chaayinaa Naashinaal Heevii Maashinarii’ jedhamaniin ijaaramaa jiraachuu ibsameera.

Ijaarsa proojektichaaf baajatni Doolaarri miiliyoonni 85 fi kumni dhibbi 1Baankii Misooma Afrikaa fi Mootummaa Jaappaanirraa liqaan argamuu eerameera.

Ijaarsa Proojektichaa hanga baatii Eebilaa, 2014tti guutumaan guutuutti xumuruuf hojjetaamaa jiraachuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.