Magaalichatti naannawaalee balaa lolaaf saaxilamoo ta’an 161 adda baafamaniiru- Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa
Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti naannawaa balaa lolaaf saaxilamoo 161 bakkoota 61tti, yaadota furmaataa waliin adda baafamuun qaamolee dhimmichi ilaallatu beeksisuu Koomishiniin Hoggansa Soda Balaa beeksiseera.
Ogeessi Quunnamtii Ummataa koomishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo FBC’f akka himanitti, hammaachuu Gannaa kanaan walqabatee hawaasni lolaa dabalatee balaawwan tasaarraa akka of eegu hubachiisaan.
Ganna kana miidhaa namaa fi qabeenyaarra ga’uun dura ittisuuf, xiyyeeffannaan waajjiraalee seektaraa torba waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Koomishinichi qorannoo saaxilamummaa gaggeesseen bakkoota 61tti naannawaa balaa lolaaf saaxilamoo 161 addaa baasuu ibsanii, bu’aan qorannichaas yaada furmaataa waliin qaamolee dhimmichi ilaallatuuf dhiyaassuu eeraniiru.
Hojii bulchiinsi magaalichaa gaggeessuu cinaatti hawaasni adeemsa balaa lolaa ittisuu hubachuun ofii isaa balicharraa of ittisuu akka qabu ibsaniiru.
Yeroo Gannaa haala qilleensaa bu’uureffachuun, keessumaa balaa lolaa, elektirikii, cilee bobeessuu, ijaarsaa gamoowwaniin walqabatee naannawaa qotaman fi balaan tiraafikaa mudachuu akka maluu ibsaniiru.
Baatii Caamsaa as balaa lolaan walqabatee lubbuun nama tokkoo darbuu kan eeran ogeessichi danbalii bishaanii fi daakaan walqabatee lubbuun namoota shanii darbuus ibsaniiru.
Ganni baranaa utuu hinseenin namaa fi qabeenya miidhuu ibsuun, hawaasni hojiifis ta’e dhimmoota biroof wayita socho’u eeggannoo akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.
Rooba hordofee daa’imman daakaa fi taphaaf jecha gara lagaa akka hindeemne, maatiin hordoffii akka taasisu gaafataniiru.
Bara 2013 yeroo Gannaa balaa lolaa 25 mudateen lubbuun namoota 10 darbuu fi qabeenyaa Birri miiliyoona 4.7’tti tilamaamu manca’uu Obboo Nigaatuun Yaadachiisaniiru.
Yohaannis Darribootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.