Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti misoomni Koriidarii boqonnaa 2ffaan eegale

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti misoomni Koriidarii boqonnaa 2ffaan eegaluu Kantibaan Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Aadde Adaanech Abeebeen hojiilee misooma Koriidarii boqonnaa 2ffaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Hojiin misooma Koriidarii boqonnaa 2ffaan kun torbee kana eegaluu eeraniiru.
Kaayyoon misoomichaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu fi jiraattoota isheef mijattuu taate ijaaruuf ta’uu dubbataniiru.
Hojii Misooma Koriidarii boqonnaa jalqabaarratti tumsii fi aadaan hojii cimaan kan itti mul’ate jedhan.
Boqonnaa 2ffaa kana eegaluufis qophii gahaan taasiifamuu fi jiraattoota magaalichaa waliin mariin taasiifamuu eeraniiru.
Jiraattoota manneen jireenyaa Gandaa keessaa ka’aniif manni jireenyaa biroon qophaa’uu dubbataniiru.
Kunis sadarkaa jireenyaa jiraattootaa kan duraarraa daraan kan fooyyessu ta’uu eeruun, manneen dhuufafis beenyaan barbaachisu ni kaffalama jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.