Magaalichatti mata duree” dargaggoo sababaawoo badhaadhina biyyaaf” jedhuun dargaggoota kumaatamatti lakkaa’amaniif leenjiin kennamuu eegale
Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Dargaggoota sababaawoo fi olaantummaa yaadaan falman uumuun badhaadhina biyyaalessaa eegalame mirkaneessuu fi fayyadamoo taasisuuf kan dandeessisu leenjiin maayindseet eegalamuu ibsame.
Biiroon dargaggoo fi ispoortii magaalaa Finfinnee mata duree” dargaggoo sababawoo badhaadhina biyyaaf” jedhuun carraa hojii uumuu dargaggootaa, leenjii jijjiirama ilaalchaa fidu “maayindseet” dargaggoota kuma 2 oliif kutaa magaalaa Booleetti kennuu eegaleera.
Ittaanaan kantiibaa fi hogganaan Biiroo Hojii IOntarpiraayizii fi Misooma Indaastirii magaalichaa obbo Jaanxiraar Abbaay dargaggoonni dandeettii fi abjuu qaban dhugoomsuu fi carraa hojii uumuun ga’e isaanii akka ba’atanii fi fayyadamoo akka ta’aniif leenjiiwwan akka kanaan cimee itti fufuu akka qabu Sirna baniinsa leenjichaarratti ibsaniiru.
Leenjii yeroo ittaanutti kutaa magaalaa magaalichaa hundarraa dargaggootni kuma 10 kan hirmaatan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.