Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti manneen jirraa Ispoortii gochaa seeraan alaa raawwatan 80 olirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaatti manneen jirraa Ispoortii eeyyama seeraa daheeffachuun hojmaata seeraan alaa raawwatan 80 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu Poolisiin magaalichaa beeksise.

Manneen Tapha Jirraa Ispoortii dabalatee manneen Jimaa Itti qama’anii fi Shishaa itti aarsaan hedduun bakka ka’umsa yakkaa ta’uun hawaasatti sodaa nageenyaa ta’aa jiraachuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Haaluma kanaan Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa eeruu ummataa bu’ura godhachuun manneen gochaan seeraan alaa keessatti raawwataman kanneenirratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.